1-seensa
Amantii fi mootummaa Qorannoowwan akaakuu garagaraa dhimmoota garagaraa irrattii ni gaggeeffamu. Kanneen keessaa akka waajjira Aadaa fi Tuurizimii Afaan, Aadaa,Seenaa ,Artii, Hambaa fi hawwata tuurizimii umamaa irrattii gaggeessuun hojiin misoomaa fi beeksiisaa bal’innaan akka ittii hojjatamuu carraaqqiin ol- aanaa irrattii gaggeeffamaa turuun isaa ni beekkama.
Amantii fi mootummaa Bu’uura kanaan hawwattoota tuurizimii aanaa keenyaa ta’uun wantoota galmaa’an keessaa iddoowwan amantaa erga hundeeffaman bara dheeraa lakkoofsiisan adda baasuun seenaa fi qabiyyee hambaa isaanii qorannoo dhaan adda baasuun barbaachiisaa ta’ee jira. Akkuma beekkamuu iddoowwan amantaa dhimmii guddaan hundeeffamaniif amantii hawaasichaa keessattii tarkaanfachiisuuf ta’uus seenaa qaban yookiin hambaalee garagara meeshaalee fi barreeffamoota bara dheeraa iddoo ittii argaman akkasumas akkaataa ijaarsa gamoo ajaa’ibsisaa ta’een ijaaraman ta’uun wal- qabatee hawwata tuuristii fi iddoowwaan qo’annoof qorannoo ol- aanaa akka ta’an isaan taassisa. namoonnii garagaraatiis biyya alaa fi biyya keessaa wantoota kana daaw’achuuf jecha gara iddoowwan kanattii ni deemuu. kanaa oliis seenaa qabeessummaa bakka amantiichaa waliin wal- qabatee namoonnii kutaa biyyattii gara garaa irraa gara naannoo kanattii sirna waaqefannaa amantii isaanii gaggeessuf waggaattii yeroo murtaa’eettii dhufan /religious pilgrimage/ turtii yeroo sa’aattii 24 ol ta’eef naannichattii kan turan yoo ta’ee akka tuuristiittii kan lakkaawwaman waan ta’eef dhangala’iinsa tuuristii biyya keessaa guddisuuf gahee ol- aanaa kan taasisan akka ta’eettii isaan fudhachiisa.
Sadarkaa biyyoleessaattii iddoowwan amantii fi hawwata tuuristii ta’uun beekkaman keessaa Bataskaannii Laallibalaa/ beeta giyoorgiis/ jedhamuu dhakaa tokkoo irraa bocamee hojjatamee seenaa qabuu fi bareedinna ijaarsii gamoo kun uffateen sadarkaa ogummaan ijaarsa gamoo hawaasichaa eessa akka turee akka dinqisifatan fi daaw’atan kan taasisee ta’uu isaa oliyyuu hambaa addunyaa ta’uun mootummaa gamtoomanittii dhaabbata barnoota, saayinsii fi aadaa /UNESCO/ dhaan hanga hambaa addunyaa ta’uun galmaa’utti ga’ee jira. Gama biraatiniis dhaabbilee amantii dhangala’iinsa tuuristii ol- aanaa ta’ee qaban keessaa bataskaana Tsiyoon maariyaam, Qullubbii Gabri’eel, Giishan Dabra karbee, Shankooraa yohaannis, Maskiida Al- Najaashii akkasumas Maskiida Anuwaar guddicha ibsuun ni danda’ama.
Godiina Shawaa bahaa keessattii kan argamtuu aanaan ada’aa gidduu gala aadaa ta’uun kan beekkamtuu ta’uus qabeenya tuurizimii kan ta’an iddoowwan amantii kiriistaanaa qabaachuunis ni beekamtii. Kanneen keessaayiis gaara yeerar gubbaattii kan argamuu Gadaamiin liidataa wabaata qiddist lamaariyaam jedhamuu isa tokkoo. Qorannoon amma gaggeessuuf yaadamee kuniis seenaa gadaamii wabaata qiddist lamaariyaam qorachuuf ennaa ta’uu adeemsa isaa keessattii seenaa duudhaa /afuuraa/ hundeeffama bataskaanichaa /gadaamichaa/ waliin wal-qabatee himamuu hambaalee amantaafi seenaa of keessattii hammatee qabuu dabalatee wantoota haawwataa naannawaa fi keessa gadaamichaattii argaman sassaabuun odeefannoo argamee barruulee garagaraa, kitaabilee seenaa fi Dokmantiiwwan garagaraa kitaaba qulqulluu dabalatee waliin wal- simsisuun kan seenessuf yaaluu dha.
1.1/Haala waliigala aaniichaa
Bulchiinsa godiina shawaa bahaa jala aanolii argaman keessaa aanaan ada’aa isa tokko.gidduu galeessii aanaa ada’aa magaalaa bishooftuu ennaa taatuu magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa kallattii kibba bahaattii fageenya km 47, magaala guddoo godiiniichaa Adaamaa irraa immoo kallattii dhihaattii fageenya km 53 irrattii argamtii Aanaan Ada’aa kallattii kaabaatiin Aanaa Gimbichuu kibbaan Aanaa Liiban cuqqaalaa bahaan Aanaa Lumee dhihaan godiina addaa naannawa finfinneetin marfamtee kan argamuu yommuu ta’uu raga W/ra Bulchiinsa aaniichaa irraa argannee akkaa ibsuttii baay’inna ummataa dhi-78,888 Du-72,558 w.g – 151,444 ta’uu ni qabdii.
Haallii qilleensa aaniichaa irra jireessii badda daree ta’uun wal-qabatee omiisha adda addaatiif baay’ee miijoftuu dha. Omisha aanaattiin ittii beekamtuu keessaa xaafii maanyaa qamadii, shimburaa, missira, baaqeelaaf atara akkasumas gosoota fuduraa fi muduraa keessaa immoo qullubbii adiif diimaa, timaatima, gommana, shankoora dabalatee ibsuun ni danda’ama.Qonnaan bultoonnii aanichaa waggaattii al- tokkoo qofa kan omiishan osoo hin ta’iin laggeen akka balballaa jiran fayyadamuu gosoota fuduraa fi muduuraa garagaraa waggaattii yeroo lamaa fi sanaa ol- akka omishan isaan dadeessisee jira.
Aanaan kun qabeenya aadaa fi tuurizimiitin kan badhaatee dha. Irreechii guddaan ummata oromoo gidduu galeessa aanattii magaalaa Bishooftuu keessa kan kabajamuu ennaa ta’uu torbaan lama aanee sadarkaa gadaa juulamaatiin Aanaa ada’aa keessa ‘Obboleessa xiqqaa hora arsadii’ jedhamuun iddoo beekkamuu hora kiilolee irrattiis ni kabajama. Kun immoo aanaattiin gidduu galeessa aadaa akka taatuu godhee jira. Gama tuurizimiitiin Tulluun yeerar iddoowwan seenaa umrii dheeraa qaban gadaamii Liidataa wabaata qiddist lamariyaam fi holqoota keessatti argaman waliin, haroo Nam- tolchee balballaa, hora kiilolee, hadhoo shimb fi kkf ibsuun ni danda’ama. Uwwiisa daandii aaniichaa yoo ilaallee daandiin Asfaaltii durii fi haarofnii /express road/ magaalaa Adaamaa kaasee finfinnee geessuu aanattii qaxxaamure kan darbuu ta’uun wal- qabate fi argamnii aaniichaa gidduu galleesa biyyattittii iddoo murteessaa fi mijaa’aa ta’uttii wanta argamuuf Abbootii qabeenyaa invastimantii tuurizimii irrattii hirmaachuu barbaadaniif carraa ol-aanaa ta’ee kan qabduu dha.
1.6/ Hanqiinna Qoranniichaa
Adeemsa hojii kamiyyuu keessattii rakkoon nama muudachuu akkuma danda’uuttii qorannoon tokkoo ennaa gaggeeffamuus hanqinnooleen fi rakkooleen hedduu kan qunnaman ta’uu ni beekama. Kanaafuu hanqinnootaaf rakkoolee mudatan adda baasuun fala furmaataa godhachaa deemuun barbaachiisaa ta’a.
Qorannoo kana yeroo gaggeessinuu hanqinnootaaf rakkooleen armaan gadii nu qunnamanii turan.
- Hanqinna baajataa /gama faasilitii barbaachisuu guutuutin jiruu, baasiwwaan geejjibaaf durgoo qorataaf odeeffattoota akkasumas qaamolee biifa garagaraatin deeggarsa taassisanif kaffalamuu jiraachuu dhabuu/
- Bar- gaaffiwwan raabsaman biifa barbaadamuun guutanii deebisuu dhabuu.
- Dhimmii qoranniichaa seenaa iddoo amantaa /akka hambaattii lakkaayamuu/ irrattii ta’uun wal-qabatee odeeffattoonnii irra jiraan abbootii amantaa wanta ta’aniif ragaalee barbaadamuu argachuuf namoota gahaa argachuu dhabuu akkasumas namoonni argamanis raga barbaachisuu bifa guutuu ta’een kennuu irraa sababa addaaddaatin of- qabuu fi
- Maddootii raga barreeffamaan jiiran argachuuf rakkinnii guddaa kan nu qunnamee ta’uu akka rakkoolee ijoo kaasuun ni danda’ama.
1.7- Qabiyyee Qoranniichaa
Qorannoon boqonnaawwan shaniin qoqoddamee kan dhiyaatee dha. Kuniis boqonnaan duraa seensa qoranniichaa jalattii dhimmoota ibsamuu qaban hammachuun kan qophaa’ee yommuu ta’uu boqonnaan 2ffaa xiinxala Barruulee dhimma qorannoo kanaan walittii hidhamiinsa qaban irra gaggeessun kan dhiyaatedha. Boqonnaa 3ffaa fi 4ffaa immoo wal- duraa duubaan tooftaa fi adeemsa qorannichaa fi dhiyeessa argannoo qorannichaa hammachuun dhuma irrattii xummraaf yaada furmaataa dabaluun qabiyyee qorannoo guutuu ta’een dhiyaatee jira.
1.1-Hima rakkoo qoranniichaa
Akkuma beekkamuu qorannoon gaggeeffamuu tokko kallattii gaggeeffamuun rakkoo ittiin salphiisuuf, mala furmaataa argamsiisuuf , bu’aa qabeesummaa fi miidhaa wanta tokko ittin adda baafachuufi. dhimmoota nutii hojjachuuf yaadnee qorannoo seenaa hawwata tuuristii ta’uu isaatiin wal- qabatee gaaffilee armaan gadii tiif deebii ni argamsiisa jedhamee eggama.
Isaanis
1/ Seenaan hundeeffama gadaamichaa maal fakkaata?
2/ Hambaaleen iddoo amantii kanattii argaman maal maal dha.
3/ Sadarkaan eegumsaa fi kunuunsaa hambaalee kanaaf taassifamuu maal fakkaataa?
4/ Wantoonnii hawwataa gadaamiichaan wal- qabatan naannawaa fi keessattii argaman maal fa’ii?
5/ Yeroo ammaa hojiin misoomaa fi kunuunsa qabeenya tuurizimii kanaaf gaggeeffamaa jiruu haala kamiin ibsamuu danda’a?
6/ Yaa’insii tuuristootaa gara naannoo kanattii gaggeeffamuu maal fakkaata?
7/ Dhaabbannii amantaa kuniis ta’ee jiraattonnii naannoo qabeenya tuurizimii kana irraa haallii galii itti argatan ni jiraa ? kan jedhan isaan muraasa.
1.2-Barbaachisummaa Qoranniichaa
Qorannoon mata duree kanaan olittii ibsameen gaggeeffamuu kun barbaachisummaa ol- aanaa akka qabuuttii yaadama .
Kuniis:- Seenaa gadaamii kanaa qorachuun barreeffamaan ol- kaa’uuf madda ragaa /ka’uumsa/ qo’annoo fi qorannoo biroo akka ta’uu taassisuu.
- Hambaalee seenaa fi amantii iddoo kanattii argaman galmeessuun of- fuulduraaf akka hin mancaanee fi badiin irra hin geenyee qaamnii ilaalattuu hojii eegumsaa fi kunuunsaa gahaa ta’ee godhamee fi dhalootaa dhalootattii akka darbuu taassisuuf.
- Iddoon kun iddoo dhangala’iinsii tuuristii ol-aanaa ta’ee ittii gaggeeffamuuf jiraattoota naannichaa keessattuu dargaggootaf madda galii argamsiisuun carraa hojii akka isaani banuu gochuuf.
- Naannicha kanattii babal’innaaf misooma tuurizimii hawaasa bu’uureffatee gaggeessuuf fi bu’uuraaleen misoomaa akka daandii jiran akka hojjatamuf fi babal’innii waldaaleef dhaabbiilee dhiheessaaf babal’inna tuurizimii akka umaman kallattii agarsisuuf.
- Dhangala’insii tuuristii naannichaa maal akka fakkaattuu mul’isuf kkf dha.
- Kaayyoo Qoranniichaa
Kaayyoolee qorannoo kanaa iddoo 2ttii qooduun ilaaluun ni danda’ama
Isaaniis – Kaayyoo gooroo /general objective/ fi
– Kaayyoo gooree /Specific objective/ jedhamanii dha.
- Kaayyoo gooroo
Kaayyoon guddaa qorannoon kun galmaan ga’uuf ka’ee seenaa gadaamii liidataa wabaata qiddist lamaariyaam odeeffannoo madden ragaa garagaraa irraa walitti qabuun seenessuu dha.
1.1.2Kaayyoo gooree
Qorannoon kun kaayyoolee gooree armaan gadii ni qabaata.
Isaaniis – Akkaataa fi bara hundeeffama gadaamiichaa qorachuu
- Hambaalee bara dheeraa lakkoofsisan bifa garagaraatin gara gadaamichaattii dhufan kan amantaa fi seenaa adda baasun beeksisuu
- Wantoota nama hawwachuu danda’an gadaamichii qabuu adda basuuf mul’isuu.
1.4-Daangaa Qoranniichaa
Qorannoon kun mata duree seenaa gadaamii lidataa wabaata qiddist lamaariyaam jedhuun kan gaggeeffamuu yommuu ta’uu uwwisnii iddoo qoranniichaa aanaa ada’aa ganda yeerar sillaasee jedhamuu ta’a.
1.5-Hanqinna Qorannichaa
Qorannoo gaggeessinuu kana bifa kaayyoo taa’eef galmaan ga’uu isa dandeessisuun raawwachuuf hanqinnaaleen armaan gadii ni qunnamuu jedhamee eeggama.
- Hanqinna baajataa
- Rakkoo odeeffattootaa/ Ragaa barbaadamuu bifa ta’een laachuu dhabuu/
- Dhabiinsa / dhiheenyatti argachuu/ dhabuu barreeffamoota madda ragaa nuuf ta’uu danda’anii.
- Adeemsa amantiichaan wal- qabatee wantoota daaw’atamuu qaban hunda bifa guutuu ta’een bira gahuu dhabuu
- Ragaalee barreeffamaa tokko tokkoo kan bara dheeraa lakkoofsisan gahuumsaa fi guutummaan dhiyeesuu irraa of qabuu.
Boqonnaa Lama
3.1- Maalummaa Seenaa
Seenaa jechuun maal jechuu akka ta’ee hiiknii ogeeyyii garagaraatiin keennamee jira. Kanneen keessaa ogeessii qorannoo seenaa (Hamilton 1993) jedhamuu seenaa jechuun yaada ciroo ‘kanduraa’ jedhuun kan bakka bu’uu danda’uu ta’uu isaa fi ‘eera gochoota bara darbee akka ta’ee’ ni kaasa.
Hiika armaan ol- keennamee kana irraa wantii hubachuu dandeenyuu seenaan ta’liwwan garagaraa jiruu fi jireenya ilma namaatiin wal-qabatee barootii dheeraa darban kaasee hanga har’aattii gaggeeffamaa turan maloota adda addaatiin walittii qabuun kan addeessuu ta’uu isaati. Kun immoo ilmii namaa gama Amantitiin, falaasamaan, Artitiin, Aadaan akkasumas qaroominna garagaraatiin barootiin fagoo darban keessa maal akka fakkaatuu fi adeemsa yeroo keessattii maal maal foyyeeffachuun sadarkaa har’aa kana irra akka gahee fi ta’iiwwan gurguddoo kan akka waraanaa fafakkaatan biifa kamiin adeemsiisaa akka turee fi kanaanis bu’aa argamee fi miidhama gahee ittiin barachuuf akkasumas yeroo darbee fi har’a walittii hidhuun waa’ee boruu akka raaguu dandeenyuu kan nuu dandeessisuu ta’uu hubachuun ni danda’ama. Kanaaf adeemsa yeroo dheeraa keessattii ilmii namaa walittii dhufeenya gama siyaasaa, aadaa fi diinagdeetin gaggeessaa turee fi bu’aa ba’ii hedduu keessattii hariiroo umama waliin taassisaa tureen beekumsa ykn qarooma kuufatee dhalootaa dhalootattii dabarfachuuf seenaan gahee ol-aanaa taphachuu ni danda’a.
Qorannoo seenaa gaggeessuun faayidaa armaan dura ibsameen alattii kanaan dura ogeeyyii qorannoo seenaa adda addaatiin waa’ee ummata tokko ilaalchiisee bareeffamee dhugummaa isaa ittin mirkaneessuf yookiin dogoggora ta’uu isaa ittin mul’isuuf (proof or disproof) faayidaa ol-aanaa kan qabuu dha. Seenaa hawaasa tokkoo qorachuuf rakkoo guddaa akka ta’ee ogeeyyin kan kaasan madda raga (Source) argamuu dhabuu dha. Ummannii addunyaa seenaa isaani galmeeffachuuf afaan barreeffamaa qaban ta’iiwwan gurguddoo isaanii barreessuun dhalootaa dhalootattii dabrsuu danda’anii jiruu. Kan hafan garuu Afoolaan /Afaaniin/ seenaa isaanii dabarsaa kan dhufan ta’uun wal- qabtee Eessaa dhuftee fi seenaa waliigalaa ummata sanaa baruuf Afoola hawaasiichaa xiinxaluun hubannoo barbaadamuu argachuun wanta danda’amuuf madda odeeffannoo seenaa ta’uun tajaajiilaa argamuu.
3.2/ Seenaa fi Amantii
Biyyii keenya seenaa waggootii 2000 ol akka qabduu ni himama-irra jireessii isaatiis amantii dhaan kan wal- qabatee dha.Amantiin kiriistaanaa gara biyya kanattii akka seenee kan hiimamuu jaarraa 4ffaa keessattii bara mootii Izaanaa akka ta’ee dha.Maddoonnii seenaa kun akka ibsanittis amantii kana dursee fudhachuu dhaan kan hordofuu jalqabee mootii kana ta’uu ni addeessuu .
Barreessaan ‘Taaddala Gadiilee’ /1997/ jedhamuu Amantii kiriistaanaa fudhachuun lammii Itoophiyaa duraa kan ta’ee mootii kana osoo hin ta’iin tajaajiilaa mootii ‘Hindakee’ jedhamtuu kan turee maqaan ‘Bakkos’ jedhamuu mootiin tun walittii dhufeenya amantii Itoophiyaa fi Israa’el jidduu jiruu ciimsuuf ergiitee ‘ amantii kiristaanaatin’ cuphamee fudhachuun gara biyya isaattii wanta deebi’eef namnii amantii kana fudhachuun dursuu isa akka ta’ee fi waa’ee amantii kiriistaanaa ilaalchisee Itoophiyaa keessattii bal’innaan kan dhagahamuu jalqabee yeroo mootii Hindakee 7ffaa bara 34 akka ta’ee ni addeessa.
Yaadoonnii lamaan armaan ol-dhiyaatan ogeeyyii qorannoo seenaa kan mormiisiisaa jiran ta’uus yeroo amantiin kun gara biyyattiittii seenee irraa kaasee amantii mootummaa ta’uun kan dagaagee wanta tureef Bataskaanootaaf gadaamoota babal’isuun baroota kana keessa akka jalqabamee hubachuun ni danda’ama.
Dhimma xiyyeeffannoo qorannoo keenyaa kan ta’ees gadaamiin Liidataa eabaata seenaa hundeeffama isaa abbootin amantaa barooti kanattii of duuba deebisanii kan himan yommuu ta’uu barreeffamoonni adda addaa kitaaba qulqulluu fi kitaabilee amantiin wal- qabatan biro irraa argamee dubbicha ni ciimsa.
Kaayyoon guddaa qorannoo kana gadaamii umrii dheeraa lakkoofsisee kana sadarkaa hambaa hawwata tuuristittii akka tajaajiiluuf seenaa isaa qorachuu yommuu ta’uu ragaaleef odeeffannoon waa’ee seenaa gadaamiichaa himamuuf barreeffamaan argamuu kitaaba qulqulluutin kan wal- qabatuu ta’uu isaatiin haqummaa isaa mirkaneessuun rakkiisaa ta’ee jira.
Ogeessii qorannoo seenaa Taaddasa Taammiraat jedhaman barreeffama ‘Hibboo fi seenaa’ jedhauun maxxansiisan irrattii waa’ee daangaa qorannoo seenaa yeroo ibsan wantoonnii mirkanaa’uu hin dandeenyee fi amantiidhaan wal-qabatan daangaa qorannoo seenaatin ala akka ta’niifi kanaan dura seenaa biyyattii keessattii ka’uumsa kanaan barreeffamanii dhalootaa dhalootattii darbaa turan haqummaa kan hin qabnee akka seenaattis kan lakkaawwamuu hin dandeenyee ta’uu bal’innaan kaasanii jiruu.
Ibsa ogeessa kanaan keennamee irraa wantii hubachuu dandeenyuu seenaan wanta mirkanaa’uu danda’uu akka ta’ee fi dhimmoonnii amantiidhaan wal-qabatan namnii kamiyyuu wanta ittii amaneef qofa kan hordofuu fi gaaffi tokko malee ofittii fudhatuu waan ta’eef bifa seenaatin himama malee bifa raga seenaa mirkanaa’uu danda’uutiin ilaalamuu hin dandeenyee ta’uu isaati.
Qorannoon rakkoosaa ta’uus wanta dhimmichaan wal-qabatee hiimamuu ta’iwwan seenaa beekkamoo ta’an waliin wal- biira qabuun qaaccessee seeneessuf xaarii ol-aanaa ni taassisa.
Boqonnaa Sadii
3/ Tooftaa fi Adeemsa Qoranniichaa
3.1/ Tooftaa odeeffannoon ittii sassaabbamee
Qorannoon kun akaakuu qorannoo seenaa jalattii ramadamuu danda’uu dha. Qorannoon seenaa gaggeessuf immoo ragaalee adda addaa barreeffamaan taa’an, Afaaniin dhalootaa dhalootattii darbaa jiiran akkasuumas meeshaalee haftee bara seenaa sanaa ta’an argachuu dhaan xiinxaluun barbaachiisaa ta’a. Haaluma kanaan qorannoo kan yeroo gaggeessinuu madden raga barreeffaman gahaa ta’ee argachuu dhabuu keenyaan wal-qabatee beekumsa biifa afoolaatiin qaamolee walittii hiidhamiinsa qoraannoo kana waliin qaban bira jiruu argachuuf yaalamee jira. Kuniis maloota odeeffannoon hawaasa keessaa ittii funaanamuu danda’uu Af-gaaffiif bar-gaaffii fayyadamuun ragaalee bifa maddootii raga seenaa tokkoffaa fi lammaffaa tin jiran argachuuf yaalamee jira.
Maloota armaan ol-ibsaman fayyadamuun ragaalee seera barreeffama seenaa guutan bal’innaan fi gadii fageenyaan argachuuf carraaqqiin kan taassiffamee ennaa ta’uu hanga yaaddamee ta’uu baatuus odeefannoo walittii qabuu danda’amee jira.
Qorannoon gaggeessinuu seenaa gadaamii liidataa wabaata qiddist lamaariyaam irra wanta ta’eef odeeffattoonnii keenya Abbootii amantaa fi maanguddoolii naanniichaa seenaa gadaamiichaa gadii fageenyaan beekan gaafachuun wanta tureef gaaffilee af-gaaffif ta’an deebii qormaatichaa argamsisuu danda’an yaada ka’uumsaa argachuuf gama ragaalee barreeffamaa argachuu dhabuutiin nuu mudatuu danda’uu dhiphisuuf raga odeefannoo /oral data/ jiruu ittin argachuuf yaalii taassifnee jirra. Haa ta’uu malee gama kanaan dhimmoonnii gadii fageenyaan amantaa waliin wal-qabatee himamuuf mul’achuu qabuu kan jiruu ta’uus odeeffattoonnii turee jira. Kanaaf tooftaa biro dabalataan fayyadamuun barbaachiisaa wanta tureef bar-gaaffiwwan qopheessuun naannoo namoota barreessuu danda’anittii raabsuun guuchifachuun raga dabalataa argachuun kan danda’amee ennaa ta’uu gama biraatiin barreeffamoota argaman gahaa ta’uu baatus xiinxaluun wal- bira qabuun ilaaluuf xaariin ol-aanaa taassifamee jira.
3.2/ Mala Eddattootaa
Qorannoo kana keessattii Namootnii hariiroo dhimma qoratamuu waliin kallattidhaan fi al- kallattiidhaan qaban hundii akka hirmaatan kan barbaadamee turee ta’uus uwwisa iddoo bal’aa ta’ee akaa qabaatuuf haqinna human namaa hojii qorannoo kan gaggeessuu,maallaqa, yeroo fi risoorsii /Leecalloo/ jiruun wal qabatee kana gochuun hin danda’amnee. Kanaafuu qaamolee muraasa bakka bu’iinsa argachuu danda’an fiilachuun carraa kennuun odeeffannoo sassaabuun barbaachiisaa ta’a jechuu dha. Hojii qorannoo gaggeeffamuu hunda keessatti kaayyoo qorannichii galmaan ga’uuf ka’ee argachuun kan danda’amuu raga barbaachiisaa fi amansiisaa gochuu yoo danda’ameedha. Kanaaf maddootnii odeefannoo eenyuu ta’a akka ta’anii fi mala kamiin fiilatamuu akka qaban ifaan beekkamuu qaba. Namoota qorannichii ilaalatuu hundii akka qajeeltottii sirrii ta’uus lakkoofsii isaanii ol-aanaa yoo ta’ee keessummeessuf rakkiisaa wanta ta’eef qorataan tokkoo human, mallaqaaf yeroo qabuu waliin wal- simsiisee hanga isaa murteessuu qaba.
Haaluma kanaan qorataan qorannoo kanaa qaamolee qoranniicha keessattii hammatamuu danda’an umrii odeeffattichaa, beekumsa innii dhimma qorannoo kana irrattii qabuu ilaalcha keessa galchuun Eddata kaayyoo /purposive sampling/ jedhamuu fayyadama jira.mala Eddataa kana fayyadamuun namoota qorannichaaf ragaaf odeeffannoo barbaachisaa ta’ee ni keennan jedhamanii yaadaman fiilachuun dhuunfaa dhaan gaaffilee af-gaaffii/ interview/ dhiyeessuun deebiin barreeffamaan fi waraabduu sagaleetiin fudhatamee jira.
Dhuma irrattiis ragaaleef odeeffannoo bifa gargaraatin walittii qabaman maddootii raga garagaraa barreeffamaan argaman sakatta’uun fi wal- biira qabuun sirrummaa fi qaceelinna madda ragaalee kanaa mirkaneessuf erga yaalamee booda argannoo qoranichaa babal’isuu dhaan seeneffamee jira.
3.3/ Ibsa odeeffattootaa gabateedhaan
Lakk.gaafannoo qophaa’ee | Lakk.gaafannoo raabsamee | %dhaan | Kan guutamee deebi’ee | % dhaan | Sirritti kan guutamee deebi’ee | % dhaan |
Ibsa waliigalaa deebistoota Af-gaaffii
Lakk maqaa saala umrii sad.bar hojii iddoo jireenyaa
2.3/ Amantii fi mootummaa
Seenaa Itoophiyaa keessattii yaad- rimeewwan Amantii fi mootummaa jedhaman kun bifa garagar bahanii ilaalamuu hin dandeenyeen hidda isaanii gad-fageeffatani waggootii hedduuf turaniru. Wantoonnii lamaan kun gargar bahanii ilaalamuu kan jalqaban sirna mootummaa Dargiin asitti dha. Isaan dura garuu yeroo amantiin kiriistaanaa gara Itoophiyaattii ittii seenee jedhamee himamuu kiriistaanan gara Itoophiyaattii ittii seenee jedhamee himamuu irraa kaasee amantiin kiristaanaa kan mootummaa ta’ee tajaajiilaa akka turee seenaan ni mul’isa. Barreessaan seenaa malaakuu mangiistu dhimma kana ilaalchisee yeroo ibsuu moototnii salamoonawaa hidda dhalootaa isaanii warra israa’elootaa waliin kan wal- qabsiisan fi aangoon isaanis waaqa irraa kan nuuf keennamee dha jedhanii ummata wanta amansisuu barbaadanif yeroo dheeraaf Amantii fi mootummaan walitti hidhamani deemaa turuu ni kaasa. Dabalees jaarraa 14ffaa keessattii barreeffamnii dhimma kana dhugoomsuu ‘kibra Nagast’ jedhamuu qophaa’ee akka qajeelfamaatti dhimmoota lamaan walittii hiidhee hanga bara 1966 kufaatii mootii haaylasillaasee hojii irra ooluu ni addeessa. Qorannowwan seenaa heddun akka mul’isanitti sirnii mootummaa salamoonawaa Amantii kiristaanaa fi dhaabbile amantaa babl’isutin gahee gudda taphatee. Amantii fi mootummaan tokkoo ta’uu herrii mootummaa haayilaselaassee bara 1955 bahee boqonnaa 8 keewwatni 126 dhugaa kana ni mirkaneessa. Innis akka armaan gadittii dubbifama.
- Jaarraa 4ffaa keessattii bu’uura barnnoo ‘Qiddus maarqosiitin’ bataskanni Ortodooksii itoophiyaa hundeeffamtee bataskana mooti mootummaa ishee bu’uuraati. Kanaaf mootummaadhaan kan deeggaramtuu dha. Amantiin mootichaa yeroo hunda ortodoksii ta’uu qaba. Tajaajillii hafuuraa qulqullu iddoo keennamu hundatti maqaan mootiichaa ni waamama. Jedha.
Boqonnaa sadii
3/Tooftaa fi Adeemsa Qoranniichaa
3.1/ Tooftaa odeeffannoon ittii sassaabbamee
Qorannoon kun akaakuu qorannoo seenaa jalattii ramadamuu danda’uu dha. Qorannoon seenaa gaggeessuf immoo ragaalee adda addaa barreeffamaan taa’an, Afaaniin dhalootaa dhalootattii darbaa jiiran akkasuumas meeshaalee haftee bara seenaa sanaa ta’an argachuu dhaan xiinxaluun barbaachiisaa ta’a. Haaluma kanaan qorannoo kana yeroo gaggeessinuu madden raga barreeffaman gahaa ta’ee argachuu dhabuu keenyaan wal- qabatee beekumsa biifa afoolaatiin qaamolee walittii hiidhamiinsa qorannoo kana waliin qaban bira jiruu argachuuf yaalamee jira. Kuniis maloota odeeffannoon hawaasa keessaa ittii funaanamuu danda’uu Af-gaaffiif bar-gaaffii fayyadamuun ragaalee bifa maddootii raga seenaa tokkoffaa fi lammaaffaa tin jiran argachuuf yaalamee jira.
Maloota armaan ol- ibsaman fayyadamuun ragaalee seera barreeffama seenaa guutan bal’innaan fi gadii fageenyaan argachuuf carraaqqiin kan taassiffamee ennaa ta’uu hanga yaaddamee ta’uu baatuus odeefannoo walittii qabuu danda’amee jira.
Qorannoon gaggeessinuu seenaa gadaamii liidataa wabaataa qiddist lamaariyaam irra wanta ta’eef odeeffattoonnii keenya Abbootii amantaa fi maanguddoolii naanniichaa seenaa gadaamiichaa gadii fageenyaan beekan gaafachuun wanta tureef gaaffilee af- gaaffif ta’an deebii qoramaatichaa argamsisuu danda’an yaada ka’uumsaa argachuuf qabxiilee barreeffamoota aada addaa irraa argaman qopheessuun qaawwa gama ragaalee barreeffamaa argachuu dhabuutiin nuu mudatuu danda’uu dhiphisuuf raga odeefannoo /oral data/ jiruu ittin argachuuf yaalii taasifnee jirra. Haa ta’uu malee gama kanaan dhimmoonnii gadii fageenyaan amantaa waliin wal- qabatee himamuuf mul’achuu qabuu kan jiruu ta’uus odeeffattoonnii bifa barbaadamuun odeeffannoo kennuuu irraa of- qabuun mul’achaa turee jira. Kanaaf tooftaa qopheessuun naannoo namoota barreessuu danda’anittii raabsuun guuchifachuun raga dabalataa argachuun kan danda’amee ennaa ta’uu gama biraatiin barreeffamoota argaman gahaa ta’uu baatuus xiinxaluun wal- bira qabuun ilaaluuf xaariin ol- aanaa taassifamee jira.
Boqonnaa afuur
4. Seenaa Gadaamii Liidataa Wabaa’iita Qiddist Lamaariyaam
Maddota barreeffanaa adda addaa irraa hubachuun akka danda’ameettii amantiin kiriistaanaa gara Itoophiyaa kan seenee jaarraa 4ffaa keessa bara mootii ‘Izaanaa’ ti. Haa ta’uu malee barreeffamoonii biro amantii kiriistaanaa fudhachuu dhaaf mootiin kun kan duraa akka hin taanee fi dhaloota kiriistoosin booda bara 34tti mootii biyyattii bitaa turtee Hiindakee 7ffaa jedhamtuu keessa oduun kiriistannummaan wal-qabatuu biyyattii keessa akka dhagahamee ibsuu.
Kuniis barreessaan Taaddala Gadiilee Jedhamuu akka ibseettii bara motii tana keessa hariiroon biyyoota Itoophiyaa fi Israa’eel jidduu gama daldalaa fi amantiitiin jiruu ciimaa wanta tureef daran walitti dhufeenya kana ciimsachuuf jecha nama tajaajiilaa ishee turee ‘Baakos’ jedhamuu bara 34tti gara israa’eel akka ergan fi namnii kun kitaaba qulqulluu keessattiis akka ibsameettii iyyaruusaalam gahee Gooftaa /waaqa/ isaatif sagadee achumaattii cuphamee oduu amantii kanaa gara biyyatti kanattii fiiduudhaan nama duraa akka ta’ee hiimama.
Adeemsa armaan ol- tuqameen amantiin kun gara biyyaattii bulchaa turaniin kan argachuu danda’ee fi amantii mootummaa siila ta’uu danda’eef dhaabbileen amantaa fi gadaamonnii adda addaa akka tolfaman fi babl’atan balbala saaqee. Haaluma kanaan gadaamiin Liidataa wabaa’ita Qiddist Lamaariyaam jedhamuu gaara yeerar gubbaattii akka hojjatamee maddoonni raga argannee ni mul’isuu.
4.1/ Ka’uumsa Moggaasa Maqaa Gaara yeerar
Waa’ee ka’uumsa maggaasa maqan gaara kanaa ilaalchiisee abbootiin amantaa ennaa kaasan seenaa isaa kitaaba qulqulluu waliin wal- qabsiisuu. Kuniis waaqayyoo dachii kana jiraachuu dhabuu irraa gara jiraachu yeroo uumeettii moggaasnii maqan ‘yeerar’ jedhamuu waaqa turban keessaa isa saadaffaa dhaaf kan keennamee akka ta’ee ibsuu. Waaqnii turban kun maqaan isaanii akka armaan gadittii taa’a jedhuu.
Isaaniis 1- Iyyoor
2. Raamaa
3.Erar /Yeerar/
4.”samaay wuddid”
5. jannata
6.
7. Kan jedhamanii dha.
Yeerara magaalan malaa’iktootaa jechuu akka ta’ees dabalataan kitaabbilee amantaa irraa hubachuun danda’ameera. Maalummaa moggaasa maqaa kana irraa ka’uun iddoon kun iddoo qulqulloonnii amantii isaanii jajjabessuf waaqa isaanii galateeffachuuf fiilatamee akka ta’ee hubachuun ni danda’ama.
Kana malees odeefannoon ragaalee afaanii bu’uureffachuun abbootin amantaa waa’ee gaara yeerar kaasan gidduu galeessii kiriistaanoota addunyaa Iyyaruusaalam akka taatetti gaarrii yeerar kunis gidduu galeessa kiriistaanoota Itoophiyaati jedhuu. Sababa gaarri kun handhuura kiristaanoota biyyati fi jechiisisee abbootiin amantaa yeroo ibsan dhimmoota 2 kaasuu.
Kuniis 1- Teessumnii lafaa naannichaa argama isaatiin wal-qabatee handhuura /center/ biyyatti
ta’uu fi
2. Giiftiin maaramii yeroo baqattee gara Itoophiyaa dhuftee gaara kana irra kan qubattee fi
biyyattii tanas iddooma kana irraa kan ebbistee wanta ta’ee fi jedhuu.
4.2- seenaa Hundeeffamaa gadaamii Liidataa wabaa’ita Qiddist Lamaariyaam
Argannoo sakatta’iinsaa ragaalee fi odeeffannoo barreeffamoota adda addaa irraa fi namoota adda addaa irraa argannee bu’uura godhachuun waa’ee seenaa hundeeffama fi erga hundeeffamee kaasee hanga har’aa wantoota keessa darbee /ta’iiwwan seenaa keessummeesse/ kutaalee xixiqqaa sadittii qooduun akka armaan gadittii ilaalamee jira.
4.2.1/ Bara Durii
Kutaa kana keessattii qabxii guddaan ilaalluu hundeeffama gadaamichaatin kan wal-qabatuu dha. Keessattuu qabxii kanaan wal- qabatee wantii barraa’ee lafa jiruu kan hin jirree wanta ta’eef ragaalee amanamoo ta’an argachuuf rakkinna guddaa nurraa umuu danda’eera. Haa ta’uu malee odeefattoonnii keenya seenaa abaabiilee isaanii irraa gad- darbaa dhufee fi galmeewwan yeroo adda addaa ebbifamtoonnii gadaamiicha keessatti jireenya isaanii gaggeessaa turan barreessanii kaa’an bu’uura godhachuun waa’ee seenaa hundeeffama gadaamiichaa ilaalchisee qabxiilee adda addaa ni kaasuu. Kutaalee darban keessattii amantiin kiristaanaa gara Itoophiyaa erga seenee booda bara mootota Aksuum sirrittii babal’achuu akka danda’ee kaafnee jirra. Kuniis bara kana keessattii bataskaanootaa fi gadaamoota ijaaruun fi wangeela bal’innaan barsiisuun akka danda’amuu karaa saaqee turee.
Gadaamiin Liidataa wabaa’ita qiddist lamaariyaam jedhamuu kuniis bara Aksuum gidduu galeessa amantiif siyaasaa turtee keessattii kan hundeeffamee akka ta’ee maddoonnii odeefannoo tokko tokkoo ni eeruu. Barreessaan malaakuu jedhamuu kitaaba isaa “ seenaa ummata Awwii” jedhuu keessattii waa’ee babal’inna amantii kiristaanaa ennaa ibsuu “Naannoo Jaarraa 4ffaa keessa amantin kiristaanaa gara biyyattii akka seenee himamuu aksumoota yookiin warra salamoonawaatif ol- aantummaa siyaasaa akka gonfatan fi babal’inna daangaa bulchiinsaa akka argatan bu’aa ol-aanaa weerara waraanaa caaluu isaanii argamsisee jira” jedha. Kuniis moototnii maqaa kiristaanummaattiin aangoo qabatan gama abbootii amantaatiin fudhatama ol-aanaa wanta argataniif amantii kana babal’isuu cinaattii daangaa bulchiinsa siyaasaa isaanitiis babal’isuu akka danda’an carraa kan umuuf ta’uu hubachuun ni danda’ama.
Haaluma kanaan moototnii Aksuum dhaabbilee amantaa Basakaanootaa fi Gadaamoota naannoo Aksum bal’innaan hojjachisaa turaniis gara qaama biyyattii biros babal’isaa wanta turanif gadaamiin liidataa yeerar ijaaramuu akka danda’ee abbootin ni dubbattuu.
Bu’uurra odeeffattoonnii keenya nuuf ibsaniin jaarraa 4ffaa keessa mootiin Abrihaa wa Atsibihaa jedhaman bulchiinsa isaanii Aksumittii erga hundeessan booda gara yeerarittii dhufanii mootii isaanitif____________ akka ta’uu bataskaanoota shan ijaarsisanii akka turan ni kaasan.
Isaanis:- 1ffaa – Maqaa Giiftii Maaramiitin
2ffaa– Maqaa Q/Mikaa’eelaatiin
3ffaa– Maqaa Q/Gabreelitin
4ffaa– Maqaa kaahinaata samaayaati diigdamii afraniin
5ffaa– Maqaa Arbaayitu Insasaat dha
Mootiin kun seenaa keessattis babal’inna amantii kiristaanummaa waliin wal- qabatee wanta hedduu kan dalagan ta’uu isaatin maqaan isaanii kan ka’uu ta’uun ni beekkama bataskaanoota shaman maqaan isaanii armaan ol- eeramee erga hojjachiisan booda bara 328 ttii gadaamii kana kan hundeessan ta’uu abbootin amantaa ni ibsuu .
Yeroo ammaa bataskaanonnoo shaman mootiin kun hundeessaa hafteen isaanii kan hin jirree ennaa ta’an gadaamiichii garuu qarqara gaara yeerar gubbaattii kan jiruu fi ebbifamtoonnii tokko tokkoos kan keessatti galan ta’uu beekuun danda’amee jira.
Walumaa galattii waa’ee hundeeffama gadaamii kanaa ilaalchisee odeefannoon argamee kan mul’isuu mootiin Abrihaa Atsibihaa jedhaman ergama mootii isaanii taassisuun kan ijaarsiisan ta’uu fi isaati.
4.2.2. Bara Gidduu Galeessaa
Kutaa kana jalattii seenaa gadaamiichaa jaarraa 13ffaa kaasee jiruu ilaaluuf yaalla. Bara 1770 tti mootiin yikuunoo Amlaak jedhamuu mootii zaaguwee isaa xummuraa kan ta’ee yitbaarak erga injiifatee booda sirna mootii salamoonawaa hundeessuun isattii aansee mootota dhufan hunda sanyii mootii Israa’el salamoon fi saabaati jedhuu tarkaanfachiisuun sirna mootummaa salamoonawaa akka ittii fufsisan bu’uura kaa’ee. /Malaaku :52: 1999/ odeefannoon argannee akka mul’isuttii barootii kana keessattii hariiroon moototaaf amantii kiristaanaa jidduu jiruu daran cimaa akka turee fi mootiwwan gara aangoottii bara 1270 booda dhufan maqaan isaanii gadaamii liidataa waliin wal-qabatee bifa garagaraatin kan ka’aa turee ta’uu ni mul’iisa.
Haaluma kanaan yeroo kamiyyuu caalaa gadaamiin kun beekamti argachaa wanta dhufeef mootonii heddduu keennaa meshaalee amantaa fi kitaabiilee amantaatiin daran akka ciimuu taassisaa akka turan ni himama. Keessattuu mootiin zaraayaaqob fi Liibna Diingii/ jedhamana hariiroon gadaamii kana waliin qaban guddaa turee.
Mootiin zaraayaaqoob jedhaman bara bulchiinsaa isaanittii fannoo gooftaa iyyasuus kiristoos iddoo isaa barbaadanii akka teechiiffatan dhaamsii kan isaanii keennamee wanta tureef iddoo dhugaa isaa dhabanii yeroo hedduuf rakkachaa erga turan booda maa’ii irrattii iddoon fannoon kun ittii taa’uu yeerar ta’uu qaba jedhanii gara gadaamii kanattii fiidanii ol- kaa’anii akka turan maanguddoonnii ni ibsuu. Haa ta’uu malee turtii yerootiin booda iddoon kun sirrii akka hin taanee wanta ittii himameef achii kaasuun gara naannoo mannaaggashaa kan fudhatan yommuu ta’uu dhuma irrattii teessoon fanniichaa iddoo giidhan Dabra karbee ta’ee jira. Hanga ammaattis fannoon kun iddoo ibsamee kanattii kan argamuu ta’uus yeroo muraasaaf gaarayeerar gubbaatti kan argamuu ta’uus yeroo muraasaaf gaara yeerar gubbaatti kan argamuu ta’uus yeroo muraasaaf gaara yeerar gubbaatti kan boqatee turee ta’uu hubachuun danda’amee jira. Kana malees mootiin Liibna Dingiil jedhamuu yeroo sirnii bulchiinsaa isaanii tasgabbaa’aa tureettii gidduu galeessa isaanii yeerar taasisanii masara mootummaa ijaarsisuun biyyaa gaggeessaa akka turan maanguddoonnii ni ibsuu. Yeroo kana yeerar gidduu gala siyaasaa fi amantaa ol-aanaa ta’uun tajaajiilaa turtee jirtii. Hanga bara 1519 kibba galaana diimaa lafa gammoojjii Adaal irraa ka’uun Ahmad Giraany weerara naannoowwan baddaa mootota kiristaanaa irratti banan itti bara quufaa fi nagaa akka turee ni kaasuu. Walumaagalattii bara kana keessa mootonii aangoo siyaasaa qabatanii turan gadaamii kana jajjabeessuf keennaa adda addaa taasisaa akka turan fi gidduu galeessa isaaniitifis iddoo kana fiilachuun teessoo bulchiinsa isaanii taassisaa akka turan hubachuun ni danda’ama.
4.2.3/ Seenaa gadaamiichaa jaarraa 20ffaa booda
Kutaa kana jalattii seenaa fi muudannoo gadaamichaa bara mootii Haayla sillaasee irraa jalqabee hanga har’aa jiruu kan ilaalluu ta’a. Haaluma kanaan mootiin Hayla sillaasee gaara yeerar gubbaattii bara 1945tti hojii kunuunsaa fi Eegumsaa namoota hedduu hirmaachisee taassisanii akka turan odeefannoon argamee ni mul’isa. Kanaa olittis mootiin kun akkuma moottota isaanin duran turan raawwachaa turanittii isaanis masara isaanin dura turan raawwachaa turanittii isaanis masara mootummaa dhiheenya gadaamii kanattii gaara yeerar gubbaattii kan hundeessan ennaa ta’uu hangayeroo dhuma aangoo isaanittii gara naannoo kanattii deddeebi’aa kadhannaa waaqaa gaggeessaa akka turan ni himama. Masarrii mootii kanaan ijaaramee turee turtii yerootiin booda akka jiiguu wanta ta’eef yeroo ammaa hafteen gamoo kanaa fi siidaan iddoottii ni mul’ata.
Gadaamiin kun miidhaa /Rakkinna/ bara weerara Ahmad Giraanyin erga irra gahee booda bara mootummaa Dargii keessattis rakkinna biraatif kan saaxiilamee ta’uu abbootiin amantaa ni ibsuu. Kuniis gadaamii kana keessa qulqulluwwan /Ebbifamtoonni/ hedduu kan argaman ta’uus iddoon keessan asii miitii jechuun akka ari’aman ta’uu isaatiin rakkooleen umamanii jiruu. Kana irraa kan ka’ee taabonnii gadaamiicha keessa turee eyyamaa fi ajaja paatriyaarkii bataskaana ortodoksii Itoophiyaa yeroo sanaa kan turan Abuna takla – haaymaanootin iddoo turee irraa gad- bu’ee yeroo ammaa iddoo itti argamuuttii bara 1981 akka dhufuu ta’ee ‘maqaanyoo’ qophaa’eef keessa hanga bara 1993 akka taa’ee odeefattoonnii keenya ni ibsuu. Bara 1993tti hrdoftonnii amantiichaa bataskaana gamoodhaan ijaaranii garasumatti akka seenuu taassisanii jiruu. Haa ta’uu malee taabonnii iddoo gadaamichii duraan ittii turee irraa bara 1981tti akka ka’uu ta’uun isaa guutummaa seenaa gadaamichaatif rakkoo wanta qabuuf iddoo jalqaba gadaamiichaa kanattii ‘maqaanyoo’ tokkoo ijaarun taabonni akka keessatti galuu fedhii ol-aanaa akka qaban bulchiinsii gadaamichaa ni ibsuu.
4.3/ Hariiroo Mootota kiriistaanaa fi Gadaamicha jidduu turee
Kutaalee darban keessa ilaaluuf akka yaalameettii hundeeffama isaa irraa eegalee hariiroon gadaamii kanaa fi mootota kiriistaanaa jidduu turee cimaa akka turee hubachuun ni danda’ama. Kuniis hundeessun, keennaa adda addaatin ciimsun, teessoo isaanii dhiheenyatti taassisuun abbaa umrii waggaa dheeraa akka ta’uu gochuu danda’anii jiruu.
Kana bu’uura godhachuu dhaan kutaa kana jalattii sababa hariiroon isaanii bifa kanaan ciimuu danda’eef adda baasuf yaalii kan taassifnuu ta’a. bu’uura odeeffattoonnii keenya nuuf ibsaniin gama kanaan gahee ol-aanaa dhimmii taphatee seenaa afaanii kitaaba bara jidduu galeessaa tokkoo keessa ibsamee argamuu akka ta’ee ni dubbatuu. Kuniis mootiin Tewoodiroos jedhamuu mootii Itoophiyaa akka tahuu fi bara mootummaa isaa Nagaan, tasgabbii fi murteen haqaa akka argamuu ka’uumsii mootichaas naannoo yeerar jedhamuu akka ta’ee ibsuu dha. Seenaa biyyattii keessattii mootiin kanaan dura maqaa kanaan aangoo siyaasaa qabatee turees dhimma kana ka’uumsa kan godhatee ta’uu maddootni barreeffama adda addaa ni ibsuu.
Dhimmii kun immoo warra aangoo irra jiraniif soda kan uumuu wanta ta’eef dhiheenyaan wantoota umaman to’achuuf jecha hariiroo isaanii naannoo kana waliin qaban ciimaa akka taassisee ni hiimama.
4.4/ Weerara Ahmad Giraany fi Miidhaa Gadaamiicha irra hordoofsiisee
Bara 1519 Ahmad Giraany naanno gammoojjii Adaal irraa ka’anii deeggarsa mootummaa Turkiitin bulchiinsa mootota kiristaanaa to’annoo jala galchuu yeroo jalqabanittii mootiin liibna Dingiil masaraa isaanii naannoo yeerar argamuu keesssa taa’anii biyya gaggeessaa turan/Taaddasa ;79/ humnii waraanaa Ahmad giraany waraana mootummaa gidduu galeessaa Liibna Diingil irrattii bananiin wanta mo’uu danda’aniif sirnii bulchiinsa ol-aantummaa mootota kiriistaanaa jala turee kan barbada’ee ta’uu isaa olittii dhaabbileen amantaa kiristaanaas miidhaan guddaa irra gahee jira. Kuniis akka odeeffattoonnii keenya nuuf ibsanittii dhiheenya Diingiil jidduttii gaggeeffameef qabuu irraa kan ka’ee duula dhaabbilee amantaa barbadeessuu giraany if sadarkaa duraatiin kan saaxilamee turee. Lollii giraany waraana gaggeessen injifannoo erga goonfatee booda kallattii dhaan gara gadaamii kanattii socho’uun barreeffamoota amantaa adda addaa umrii hedduu lakkoofsiisan fi qabeenya meeshaalee amantaa gadaamichii qabuu hunda akka barbadeessee fi gadaamicha irrattiis miidhaa guddaa akka dhaqqabsiisee odeeffannoon argamee ni mul’isa.
Barreessaan Taaddaasa Gadilee jedhamuu kitaaba isaa keessattii akka ibseettii hanga bara 1519 weerrarrii Ahmad Giraany ka’eettii yeroon turee bara quufaa fi nagayaa akka ta’ee fi mootummaan gidduu galeessaas daran cimaa ta’uu isaa akkasumas moototaaf sanyiin isaanitis baay’ee sodaatamoo akka turan ni eera.
Mootiin Liibna Dingiil Loltoota Ahmad Giraany jalaa miliqanii iddoo garagaraattii godaanaa erga turan booda bara 1532 iddoo dabra Daamoo jedhamutti addunyaa kana irraa booqachuu danda’aniru. Dhuma irrattis maddootii barreeffamaa adda addaa irraa akka raga arganneettii bara 1543 waraannii ilma mootii liibna Dingiil Galaawdewoos jedhamuu hogganamuu gargaarsa mootummaa poorchugaaliitiin amantii kiristaanaa balaa guddaa irra gahaa jiruu irraa baraaruf loltoota dhufan waliin qindaa’uun Ahmad Giraany hanga injifatamuuttii dhaabbilee amantii iddoo gargaraattii argaman gadaamii Liidataa yeerar dabalatee barbadeessun fi abbooti amantaatis ajjeessun miidhaa ol- aanaa geessisaa turee jira.
4.5/ Seenaa Qulqulluu “Abbaa Saahila Maariyaam”
Gadaamii Liidataa yeerar kana keessatti barootii dheeraaf abbootin qulqulluu /ebbifamtoonnii/ jiraachaa turanii jiruu. Abbaa Saahila maariyaam kan jedhamaniis abbootii biro waliin dhoksaa dhaan iddoo kanattii soomaa fi kadhannaa wanqaatiin daangeffamanii jiraachaa turan. Odeefannoon maanguddoota irraa argannee akka ibsuttii ebbifamaan maqaa isaanii eeramee kun turtii yerootiin booda garuu boqonnaan turtii umrii isaanii wanta gaheef ebbifamtoota kaawwan irraa adda bahanii holqa tokko keessattii /yeroo ammaa holqa Abbaa Saahila maariyam jedhamun beekkamuu/ Jiraachaa turaniru.
Holqii maqaan ibsamee kun yeroo lubbuudhaan turanittii kitaaba barreessan waabeffachuun bu’uura abbootin amantaa raga nuuf keennanittii bara 1736 kaasee hanga bara 1896 A.L.I ttii lubbuu dhaan addunyaa kana irrattii waggootii 160 jiraatanii jiruu. Haa ta’uu malee erga booqatan booda yeroo qorannoon kun gaggeeffameettii waggaa 111 kan lakkoofsisan ta’uus wantii nama ajaa’ibsisuu foon nafa isaanii irruu jiruu osoo hin tortoriin /bososiin/ lafee isaanii hanga ammaa uwwisee kan argamuu ta’uu isaati. Saayinsii yaala fayyaa ammayyaatin namnii du’ee tokkoo foon isaa akka hin tortorree mala ittiin tursiisaniin alattii qaamnii namaa erga lubbuun darbee booda guyyoota muraasa keessattii nafsii isaa kan tortoruu wanta ta’eef lafeen Abbaa Saahila maariyaam turtii waggootii dheeraa boodattis haala kanaan argamun isaa wanta adda isaa taassisudha.Seenaa Saba Oromoo Fi Miidhaa Mootummoonni Habashaa Oromoo Iirraan Gahaanii Fi Gahaa Jiran
Kutaalee darban keessattii kaasuuf akkuma yaalameettii Gadaamiin Liidataa wabaa’ita qiddist Lamaariyaam jedhamuu gaara yeerar gubbaa iddoo ittii argamuu irraa bara 1981 akka gad- bu’ee iddoo amma gamoon ittii ijaaramee jiruttii akka quubatuu yeroo taassifametti lafeen Abbaa saahila maariyaam kun holqa isaanii keessa ‘ Tsillaatii “ fannoo muxaa fi kitaaba barreessan waliin kan argamuu siila tureef of- eggannoodhaan gara iddoo amma itti argamutti akka dhufuu taassifamuu abbootin amantaa ni kaasuu. Haa ta’uu malee lafeen kun hambaa seenaa qabeessa ta’uun waliin wal- qabatee haallii socho’uu ittii godhamee humna namaatiin wanta tureef of-eggannoon guddaa taassifamuufis miidhaan muraasa ta’ee naannoo afaani fi harkaatti kan qunnamee ta’uu hubachuun danda’amee jira.
Lafeen Ebbifamee kun yeroo ammaa gollii addatii ijaaramee fi saanduqa daaw’itii barreessan tsillaatii waliin bataskaana keessattii akka argamuu kan godhamee yeroo ta’uu lafeen ebbifaman abbaa saahilee yeroo adda addaa namoota dow’ii fi sababa amantaatif gara naannichaatti dhufaniin daaw’atamuun hawwata tuurizimii ol-aanaa ta’uu danda’ee jira.
5.2/ Yaada Furmaataa
Seenaa gadaamii Liidataa Yeerar ilaalchisee kutaawwan darban keessa dhiyaatee bu’uura godhachuun qorataan adeemsa qorannoo keessattii taajjabee dabaluu dhaan yaadolee furmaataa armaan gadii ni ka’a.
Isaaniis- Seenaan gadaamii kanaa gadii fageenyaan qoratamuu kan qabuu wanta
ogeeyyiin seenaa siyyeeffannoo ittii keennanii hojjatan bal’innaan seenaa isaa
barreessun ni danda’ama.
- Iddoo gadaamichii ganamaa kaasee ittii turee irraa ka’ee yeroo ammaa gaara gubbaa akka bu’uu kan taassifamee ta’uu ibsamee jira. Seenaan waa’ee gadaamii kanaa hiimamuu guutuu akka ta’uu walittii hiidhamiinsa iddoowwan lamaan jidduu /kan ammaa fi durii/ uumuun barbaachisaa wanta ta’eef bulchiinsii dhaabbata amantichaa osoo ittii yaadee
- Iddoon kun seenaa bara dheeraa kan qabuu ta’uu waliin wal- qabatee hambaalee adda ddaa qabuu bifa iccititin dhoksuun alattii qaamolee mootummaaf ogeeyyii adda addaa waliin hojjachuun ifa baasanii madda qorannoo fi qo’annoo akka ta’uu akkasumas eegumsa fi suuphaan barbaachisaa ta’ee akka taassifamuuf abbootin amantaa gadaamichaa osoo hojjatan
- Dhuma irrattis kallattii hedduun iddoo seenaa qabeessaa fi hawwataa ta’ee kana hawwata tuuristii taassisuuf egumsaaf kunuunsii gahaa ta’ee qaamolee garagaraa hawaasa naannoo dabalatee akka taassifamuuf mootummaanis bu’uuraalee misoomaa kan akka daandiikonkolaataa, ibsaa elektirikii fi bishaan fafakkaatan guutuun iddoo invastimantiin tuurizimii itti babal’atuu taassisuu yaada furmaataa ni dhiyeessa.
Kitaabiilee wabii
- Taaddasa Gadiileee seenaa jaalala moototaa dhaabbata maxxansa fi raabsaa kitaabbilee barnoota; Finfinnee
- Http;//www google” church and state” accessed on
- Malaakuu Mangiistuu (1999) seenaa gabaabaa ummata Awwii mana maxxansaa Gooh: Finfinnee
- Heera Mootummaa Itooophiyaa, Gaazexaa Nagaarit (1948) Lakk-2 Mana maxxansaa Birhaaninnaa salaam, Finfinnee
- Tadesse Tamirat (1972) Church and state in Ethiopia 1270-1527 landon clarendon press.
- Kitaaba qulqulluu
- Taaddasa Taammiraat (1984) Oduu durii fi seenaa Itoophiyaatti marii konfiransii Inistitiyutii qorannoo Itoophiyaa irratti dhiyaate mana maxxansaa univarsitii Finfinnee.
- https://www.najumarketing.com/understanding-e-commerce-marketing-law-in-ethiopia/
Discover more from Oro BH Marketing
Subscribe to get the latest posts sent to your email.